Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 13 darbe

Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa bulchiinsa Awwii aanaa Gwaaguusaa Shigudaaditti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 13 darbe.

Waajjirri poolisii aanichaa akka beeksisetti balichi magaalaa baadiyyaa Addis Aalam jedhamtutti har’a ganama naannoo sa’aa 3tti kan qaqqabe.

Jigaarraa gara Baahir Daaritti Miinibaasiin imalaa turte, konkolaataa fe’umsaa gara Finfinneetti imalaa tureen walitti bu’uun kan mudatedha.

Namoota lubbuu isaanii dhaban 13n ala, namoonni miidhaan qaamaa irra ga’e wallaansaf gara dhaabbilee fayyaa dhiyeenyatti argamutti ergamaniiru.

Hojiin sababii balaa fi teessoo miidhamtootaa adda baasuu hojjetamaa jira jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.