Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti raammoon geerii mudate

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godinaa Shawaa Kaabaa aanaalee torbatti raammoon geerii mudachuu Qajeelchi Qonnaa Godinichaa beeksise.

Dursaan Garee Misoomaa Midhaanii Qajeelchicha Obbo Abbaba Geetaachoo, gantootaa 50 aanaalee Hagaramaariyaam, Minjaar, Barhit, Asagirti, Angolalaanaa Xaaraa, Ankobari fi Manzaqiyyaatti raammoon geerii mudachuu ibsaniiru.

Aanaalee raammoon geerii mudateettis, keemikaalli farra ilbiisaa biifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonnis keemikaala farra ilbiisaa fayyadamuu fi mala aadaatiin raammoo kana balleessuu fi abbootiin qabeenyaa keemikaala dhiyeessuun, raammoo geerii kana balleessuurratti akka birmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Qonnaan bultoonni FBC’f yaadaa isaanii kennaan gamaa isaaniin raammoon geeriin kun oomisha garbuu fi boqoolloorraan miidhaa geessisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa keemikaala farra aramaa biifuu fi mala aadaatiin raammoo kana ittisaa jiraachuu eeraniru.

Taalee Maamootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.