Naannoo Amaaraa fi Afaariitti sarbamni namoomaa yeroo hin madaalle raawwatameera – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT Naannoo Amaaraa fi Afaariitti iddoolee weeraree turetti sarbama namoomaa yeroo hin madaalle raawwachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan haala yeroo ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Wixineen labsii Mootummaan Ityoophiyaa Naannoo Tigraayitti duguuggaa sanyii raawwate jechuun Bulchiinsa Joo Baayidaniin wixineeffamee ture duula Nigaha lammiileen Ityooophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan taasiisanii fi iyyoonnoo Kongiresii Ameerikaaf dhiyaasaniin haqamuu ibsuun, lammiilee Ityoophiyaa duula wal irraa hin cinne taasiisan galateeffataniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa, dhalattoonni Ityoophiyaa fi michuuwwan biyyattii miiliyoonni 1 ol ayyaana Qillee Ityoophiyaatti akka kabajan waamicha Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhiyeessan hordofee namoonni hedduun gara Ityoophiyaa dhufuuf sochii eegaluu kaasaniiru.
Lammiileen kunneen waamicha seenaa qabeessa kana fudhachuun barii injifannootti ayyaanicha Ityoophiyaatti akka kabajan mootummaan irra deebiin waamicha dhiyeessuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan ibsa haala yeroorratti laataniin ibsaniiru.
Hojii dippiloomaasiin walqabatee torbee kana Ityoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa garaagaraarratti hirmaachuun dhiibbaa fi giddu seentummaan biyyoonni alaa qaqqabsiisaa jiran akka dhaaban ejjonnoo biyyattii ilaalchisee ergaan darbuu ibsaniiru.
Gareen Shororkeessaa ABUT Naannoo Amaaraa fi Afaariitti iddoolee weeraree turetti sarbama mirga namoomaa yeroo hin madaalle raawwachuu obbo Kabbadaan ibsa laataniin eeraniiru.
Naannolee kanneenitti Lammiileen sababa eenyummaa isaaniin qofa jumlaan ajjeeffamuu, dubartoonni gudeedamuu, qabeenyii fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun barbadaa’uu eeraniiru.
Gareen shororkeessichaa ammas olola sobaan mootummaa himachuu itti fufu kaasaniiru.
Siifan Magarsaatiin
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.