Naannoo Affaaritti lammiileen sababa garee shororkeessaa ABUT buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 102 taasifame
Finfinnee, Fulbaana 2, 2014 (FBC)- Jilli Ministira Ministeeraa Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil durfamu lammiilee naannoo Affaritti buqqa’anii maallaqaa callaa fi gosaa Birrii miiliyoona 102 taasiseera.
Jilichi har’a magaalaa Samaraatti argamuun deeggarsichaa preezdaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaaf laataniiru.
Deeggarsichi maallaqaa callaa Birrii miiliyoona 60 fi maallaqaa hafeen meshaalee garagaraa taasiseera.
Obbo Awwal Arbaa ‘gareen shororkeessaa ABUT weerara baneen bu’uraalee misoomaa fi miidhaa namooma qaqqabsiiseera’ jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.