Naannoo Affaaritti lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 10 taasifame
Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC)- Dhaabbilee garagaraa Naannoo Affaaritti lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasisaniiru.
Ministeerri Minisooma Jallisii fi naannalee Gammoojjii, Faawundeeshinii dhaabbata deeggarsa Kaalidii fi maatiin miidiya hawaasaa Peedroos Boosaa waloon ta’uun naannoo Affaaritti lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasisaaniru.
Deeggarsicha Ministirri Ministeera Minisooma Jallisii fi naannalee Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad, bakka bu’aan faawundeeshinichaa obbo Antaanihaa Lammaa magaalaa Samaraatti argamuun deeggarsicha preezdaantii naannoo Affaar obbo Awwal Arbaaf laataniiru.
Akka EBC’n gabaaseetti obbo Awwal deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.