Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Naannoo Afaaritti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jiraachuun eerame.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoo naannichaa fi kutaaleen hawaasaa hirmaachaa jiru.

Sadarkaa naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 14 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, Ganna baranaa qofa biqiltuuwwan miiliyoonni afur akka dhaabaman eerameera.

Biqiltuuwwan miiliyoona 10 ammoo baatii Fulbaanaa booda haalli qilleensaa naannichaa biqiltuu dhabuuf mijataa waan ta’uuf, yeroositti kan dhaabamu ta’uun himameera.

Dhaabbiin biqiltuu kun naannichaa sadarkaa hundatti gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Guyyaa har’aa biqiltuuwwan miiliyoonni tokko akka dhaabamu eegama.

Maddi :-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.