Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti lammiilee buqqa’aniif deeggarsi dhiyaachaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Naannoo Afaaritti lammiilee sababa gochaa badii garee Shororkeessaa ABUT fi balaa lolaa Laga Awaashiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
Raaga Haala Qilleensaa bu’uura godhachuun lammiileen balaarraa akka of eegaan hojjetamaa jiraachuu Itti aantuu Qindeessituu Waajjira Ittisa Sodaa balaa fi Wabii Nyaataa Naannoo Afaar Aadde Kuulsuummaa Burhaabbaan Faanaa Broodkaastingi Koporeetiif himaniiru.
Naannichatti aanaaleen 11 sodaa balaa lolaa qabaachuu eeraniiru.
Koreen qindaa’ee lammiilee kanneen balaarraa akka of eeganii fi iddoo balaan muudachuu danda’uu dursanii akka ka’aniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Roobni gannaa cimuu isaa hordofee lammiileen balaa lolaaf akka hin saaxilamne hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu aadde Kuulsuumaan himaniiru.
Haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwate hordofee lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.
Awwal Abarraa fi Xibabasillaasee Jambaruutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.