Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti buqqaatota kuma 69 keessaa walakkaan gara qe’eesaaniitti deebi’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015(FBC)- Naannoo Afaaritti lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an kuma 69 keessaa kumni 34 gara qe’eesaaniitti deebi’uu Komishiniin Hoggansa  Sodaa Balaafi Wabii Nyaataa naannichaa beeksise.

Lammiileen sababa nam-tolcheen naannawaa Baraahilee, Abi’alaa, Magaallee, Yaaloofi Guliinaa irraa buqqa’uun buufata dahannaa Gooraa’ii, Muulii, Babaaraayiraa, Suuwaan, Doortaafi Diirmaa jiraachaa turuu Daayrektarri Ofeeggannoo Duraafi Deebii komishinichaa Maahii Aliin yaadachiisaniiru.

Lammiileen kumni 34 buufata dahannaa Gooraa’ii, Suuwaan, Doortaafi Muulii keessa turan guutummaan guutuutti gara qe’eesaaniitti deebi’uufi tajaajila barnootaa, bishaaniifi fayyaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee kuma 35 buufata dahannaa Baraayiraafi Diirmaa jiran gara qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Maahiin Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Yohaannis Daribawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.