Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaariitti balaa lolaan oomishaaleen Shankooraa, Jirbii fi kanneen biroo lafa hektaara kuma 11 ol irra ture manca’e

Finfinnee, Qaammee 3,2012 (FBC) – Naannoo Afaariitti balaa lolaan oomishaaleen Shankooraa, Jirbii fi kanneen biroo lafa hektaara kuma 11 ol irra ture manca’e.
 
Naannoo Afaar aanaa Amiibaaraatti lagni Awaash guutuun miidhaan qonnaan bultoota, qorannoo qonnaa fi ooyruu abbootii qabeenyarra qaqqabsiise daawwatameera.
 
Hoggantoonni Ministeera Qonnaa aanaa Amiibaaraa ganda Eebree dabalatee miidhaa gandoota 9 irra qaqqabe daawwataniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa fi hoggantoonni naannichaa akka eeranitti, oomishaaleen Shankooraa, Jirbii fi kanneen biroo lafa hektaara kuma 11 irratti misoomee ture barbadaa’eera.
 
Hawaasa naannichaa bishaaniin marfamanii jiraniif hojiin nyaata dhiyeessuu hojjetamaa jiraatus, deeggarsi taasifamaa jiru ga’a miti jedhame.
 
Kaayyoon daawwannichaa hanga miidhaa qaqqabee hubachuun rakkoolee jiran furuuf ta’uu Ministir deettaan Ministeera Qonnaa Dooktar Maandafiroo Nigusee dubbataniiru.
 
Akkasumas haala qabatamaa jiruun rakkoolee furmaata yeroo gabaabaa fi dheeraa barbaadan adda baasuun qaamoolee miidhaanirra qaqqabeef deeggarsa barbaachisuuuf qaama dhimmichi ilaallatu waliin hojjechuuf daawwannaa taasifame ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.