Fana: At a Speed of Life!

Naannoleetti guyyaan oomishtummaa sirnoota garaagaraatiin kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Har’a Guyyaan Oomishtummaa mata duree “Shamattummaarra gara Oomishtummaatti” jedhuun naannolee garaagaraatti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Haaluma kanaan Naannoo Sidaamaatti guyyichaa sababeeffachuun Magaalaa Hawaasatti indaastiriiwwan maanufaakchariingii argaman Pireezidaantii Naannichaa Obbo Dastaa Leeddamoo fi qondaaltota biroon dawwatamaniiru.

Daawwanichaan warshaa Chiipsii Mosee guyyaatti kiiloogiraama 180 oomishuu fi bara 2014 kaappitaala birrii miiliyoona 780’n hundeeffame daawwataniiru.

Gama biraatiin Naanno Gaambeellatti guyyichi sirnoota garaagaraan kabajameera.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umod Ujuluun akka jedhanitti, aadaa qonnaa naannichaa bu’uuraarraa jijjiiruu barbaachisa.

Lammii oomishaanis teekinikaan, yaadaa fi galteen deeggaramuu akka qabu ibsanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi haala kanaan dura baratamerraa addatti, waldeeggaruu fi walta’iinsaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.