Naannoleen lameen qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsan
Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Qaala’iinsa Jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiilee fudhachaa jirachuu Biirooleen Daldalaa fi Misoomaa Gabaa Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.
Biiroon Daldalaa Oromiyaa qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf oomishtoonni fi shamatoonni kallattiin walitti daldaluu akka danda’aniif giddugaloonni gabaa haaraan babal’ifamaa jiraachuun ibsameera.
Naannicha magaalota garaagaraatti Gabaan Dilbataa 270 hundeeffamuu Hogganaa Ittaanaa Biirichaa Kiflee Taaddasaan dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun Biiroon Daldalaafi Misoomaa Gabaa Naannoo Amaaraa qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf maallaqa marmaartuu Birrii biiliyoona 1.5 ramaduu ibseera.
Dabalataan sirna gabaa ammayya’aa ijaaruu irratti xiyyeeffachuu Hogganaa Ittaanaa Biirichaa Bizu’aalam Gizaachoo ibsaniiru.
Naannole kanneenitti bal’inaan kan oomishamu ta’uu fi walitti hidhamiinsa gabaa naannawaaa birootti uumuun akka danda’me eeraniiru.
Rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraatti mudate ture hordofee gabaan boba’aa sirna malee buufataalee boba’aa seeraan ala gurguruuf yaalanirratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.
Naannoleen lameen daldaltoota hojiilee seeraan alaarratti bobba’anirratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun eerameera.
Almaaz Mokonnintu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaan
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.