Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen garaagaraa Ayyaana Arafaa ilaalchisuun  ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Naannoleen garaagaraa Ayyaana Iid Al Adahaa 1443ffaa  ilaalchisuun  ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.

Mootummoonni naannolee Beenishaangul Gumuz, Affaar,Sidaamaa fi  Uummattoota Kibbaa hordoftoota amantaa islaamaa maraaf ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.

Ityoophiyaatti amantaaleen garaagaraa waggoottaniif wal danda’uuniifi walkabajuun jiraachuu eeruun, yeroo ammaas duudhaa kanaan waliin jiraachaa jiraachuu ibsameera.

Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha wayita kabajan humnoonni nageenya biyyattii hin barbaanne ciisanii akka hin bulle hubachuun nageenya biyyaa eeguuf waliin dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.

Uummanni musiliimaa ayyaanicha wayita kabaju lammiilee sababa waraanaan maatii isaanii dhaban, qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an akkasumas namoota harka qalleeyyii naannawaa isaanii jiran yaadachuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.