Naannoleen dorgommii fayyaalessa taasisuun dandeettii invastimantii alaa harkisuusaaniitti fayyadamuu qabu jedhame
Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Naannoleen dorgommii fayyaalessa taasisuun dandeettii invastimantii alaa harkisuusaaniitti fayyadamuu qabu jedhameera.
Waltajjiin marii hojiirra oolmaa proojektiiwwan invastimantii kallattii irratti xiyyeeffate qopheessummaa Ministeera Dhimma Alaatiin magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Waltajjichaan rakkoolee fi furmaatawwan damichaa akkasumas filannoowwan imaammataarratti mari’atameera.
Invastimantiin kallattii gara Ityoophiyaa akka hin dhufne warren hojjetan injifachuu fi madaala daladala al-ergii fi gar biyyaa seenu sirreessuuf hojiimaatileen dandeessisan hojiirra kan oolan ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waltajjichaan ibsaniiru.
Bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa baasisan kan biyya keessaan bakka buusuu fi madaala diinagdee sirreessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Invastimantiiwwan kallattii wayita dhufan rakkoolee mudatan akkaataa haala qabatamaa naannoleen hiikuun dandeettii dabalataa kan uumu ta’uu waltajjichaan ibsameera.
Naannoleen maqaa gaarii qaban dabalataan invastimantii hawwachuu fi dorgommii fayyaalessa taasisuun dandeettii isaanii fayyadamuu akka qaban eerameera.
Damichaan naannoleen Afaarii fi Somaalee jijjiirama jajjabeeffamu argisiisuu ibsameera.
Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasee, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Taarikuu Laggasaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.