Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen baajata deeggarsaa fi galiiwwan waliiniirraa qoodni galii argatan dabalaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Naannoleen Baajata deeggarsaa fi galiiwwan waliiniirraa qoodni galii argatanii dabalaa jiraachuu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Hariiroo fiiskaalaa mootummootaarratti hoggantoota Koreewwan Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu walii waltajjiim marii Adamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Obbo Aganyaawu, guddinni naannolee mul’atu kan walhinmadaallee ta’uu ibsanii, fuuldutaratti hojmaanni diriiruu akka barbaachisu hubachiisan.

Abbo Aganyawu dabalataan dhaabbileen federaalaa baajata kayyoo muraasaa milkeessuu danda’an naannoleef qoodan, haqa qabeessummaa adeemsaa fi hojmaata ijaarsa bu’uuraalee misoomaa federaalaarratti gaaffiin irraa deddeebiin akka ka’u taasisaa turuu yaadachiisan.

Dhaabbileen federaalaa dhimmichi ilaallatuun, hojmaata ittigaafatamummaa mirkaneessuu fi hirmaachisaa ta’e diriirsuun, hojiileen hojjetaman haqa qabeessummaa fi bu’aa qabeessummaa akka mirkaneessuutti dabalataan, deeggarsaa fi hordoffiin taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbileen ittigaafatamni kennameef, hojmaanni diriiran akka hojiirra oolan gochuuf dambiin qophaa’uu qaba jedhaniiru.

Muuxannoo biyyoota garagaraarraa argame bu’uureffachuun, hariiroo fiiskaalaa haqa qabeessaa fi bu’aa qabeessa mootummoota gidduu kan tumsu, dhaabbata ga’umsa qabu uumuuf tattaffiin taasifamuu dhugoomsuuf deeggarsa Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa barbaachisa jedhaniiru.

Kanaaf manneen maree lameen qindoominaan hojjechuun akka irraa eegamuu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Federeeshiniirra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.