Fana: At a Speed of Life!

Naannolee rakkoo nageenyaa fi hongeen saaxilamaniif tajaajilli fayyaa bu’uuraa kennamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa, naannolee rakkoo nageenyaa fi hongeen saaxilamaniif tajaajila Fayyaa bu’uuraa kennaa jiraachuu beeksiseera.
Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsa miidiyaaleef kennaniin,lammiilee naannoolee Afaarii fi Amaaraatti sababa rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqan akkasumas naannoolee Sumaalee, Oromiyaa fi Kibbatti, rakkoon hongee isaan mudate talaalliiwwan ittisa dhibeewwanii addaa addaa fi tajaajilli fayyaa bu’uuraa kennamaa jiraachuu himaniiru.
Akkasumas dhiheessi nyaata haadholii fi daa’immanii dhaabbilee mootummaa fi deeggartootaan dhiheessaa jiraachuus ibsaniiru.
Naannolee rakkoon nageenyaa mudateetti, tajaajilli xiinsammuu fi gorsi ogeesotaan kennamaa kan jiraachuus Dooktar Darajjeen himaniru.
Minichil Azzazaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.