Fana: At a Speed of Life!

Naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti beelladoonni miiliyoonni 1 ol talaalchifamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Naannolee Oromiyaa fi Somaalee bakkeewwan hongeen miidhamanitti talaalliin beelladoota hongeen miidhaman dhibee dandamachiisu kennamuu ibsame.

Fayyaa beelladoota horsiise bultootaa eeguu fi oomishtummaa isaanii guddisuuf akkasumas horsiise bultoota sababa hongeen miidhaman deeggaruuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Daayrektarri Ittisaa fi To’annoo Dhibee Beelladaa Dooktar Wuubisheet Zawdee ibsaniiru.

Talaallichi saaxilamummaa dhibee ittisuu fi hir’isuuf kan kenname ta’uu fi fuulduratti miiliyoonni 5 bittaarra jiraachuu kaasaniiru.

Baatii Amajjii hanga xumura  Bitooteessa 2022tti naannolee lameenitti beelladoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 1 kan talaalchifaman ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.