Fana: At a Speed of Life!

Naannolee biyyattiitti manneen barnootaa hariiroo obbolummaa fi tokkummaa dagaagsan ijaarsisaa jirra-Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Mootummaan Naannoon Oromiyaa Naannolee Itiyoophiyaatti manneen barnootaa hariiroo obbolummaa fi tokkummaa ummataa dagaagsan ijaarsisaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis, Mana Barumsa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Gubaajaay, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Guraageetti ijaarsise eebbisiisaniiru.

Piroojektiin Mana Barumsaa Gusbaajaay Ifa Boru sadarkaa 2ffaa eebbifames, kutannoo Mootummaan keenya obbolummaa fi hariiroon dhugaa Ummata Naannoo Oromiyaa fi ummata Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa dagaagsuuf kutanno mootummaan qabu kan agarsiisuu ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin naannichi erga hundeeffamee yeroo dhiyoo ta’us, mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii misoomaa mootummaan Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa gaggeessuu keessatti qooda mataa isaa bahuuf qophii ta’uu klan mirkaneesseedha jedhaniiru.

Manni Barumsaa har’a eebbifame mana barnootaa 4ffaa mootummaan naannoo Oromiyaa naannolee ollaatiif ijaaree eebbisiisee rta’uu eeruun, naannolee hafanittis manneen barnootaa wal fakkaatoon hariiroo obbolummaafi tokkummaa ummataa dagaagsan ijaarsisaa jiraachuu dubbataniiru.

Kunis waliin gahiinsa barnootaa akka biyyaatti hojjetamaa jiruuf qooda Naannoon Oromiyaa bahachaa jiraachuu kan agarsiisuu yoo ta’uu, gama biraatiin hariiroon ummata naannoolee gidduu jiru misoomaa fi badhaadhina walootiin akka utubamuuf qooda murteessaa akka qabaatu amantaa qaban gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.