Naannolee Afur keessatti manneen barnootaa 16 ijaarsisuuf waliigalteen mallatteeffame
Finfinnee, Fulbaana 27, 2015(FBC)- Dhaabbanni “Namoonni Namootaaf” fi Ministeerri Barnootaa waliin ta’uun naannolee Afur keessatti manneen barnootaa 16 ijaarsisuuf waliigaltee mallatteessan.
Waliigalticha Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaafi Walitti qabaan boordii dhaabbata “Namoonni Namootaaf” Dooktar Sabaastiyaan Biraandiis mallatteessaniiru.
Manneen barnootaa kunneen naannolee Oromiyaa, Afaar, Amaaraafi Somaaleetti kan ijaaraman ta’uu eerameera.
Manneen barnootaa kunneen manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa yoo ta’an, baasii Birrii miiliyoona 300 kan ijaaraman ta’uu ibsamera.
Manneen barnootaa naannolee arfanitti ijaaraman waggaatti giddugalaan dabareen barattoota kuma 8 ni keessummeessu jedhamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.