Fana: At a Speed of Life!

Naannichi gamaaggama raawwii karoora bara 2014 gaggeessaa jira

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Naannoon Gambeellaa gamaaggama raawwii karoora bara 2014 sektaroota garaagaraa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Gamaagamichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u,hojiileen diinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa bara baajatichaa hoojetaman dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffama jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Gamaaggamicharratti pirezidaantii naannichaa Obbo Umood Ujuluu dabalatee hoggantoonniifi ogeeyyiin argamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.