Fana: At a Speed of Life!

Naannichi baatiwwan saglan darban galii Birrii biiliyoona 1.6 walitti qabuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Naannoon Gaambeellaa baatiwwan saglan darban galii Birrii biiliyoona 1.6 walitti qabuu Biiroon Galiiwwanii naannichaa beeksiseera.
Baatiwwan saglan darban galii Birrii biiliyoona 1.775 ol walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 1.626 ol walitti qabuun danda’amuu ibseera.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii miiliyoona 323 ol caalmaa qabaachuu Hogganaan Biiroo Galiiwwanii naannichaa Obbo Tuut Jook himaniiru.
Naannichatti bara baajataa kana galii Birrii biiliyoona 2.3 ol walitti qabuuf karoorfamuu ragaan biirichaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.