Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti Yaa’iin Barnootaa 26ffaan eegale

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Yaa’iin Barnootaa 26ffaa fi waltajjiin sosochii barnootaa bara 2017 eegalameera.

Itti Aanaa Pireezidaantii naannichaa Obbo Geetahuun Abdiisaa dabalatee hoggantoonni Olaanoon naannichaa,hoggansi barnootaa sadarkaan jiruu fi ogeeyyiin barnootaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Waltajjichaan raawwii hojii barnootaa bara 2016 gamaaggamuun karoora hojii bara 2017 irratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.