Naannichatti tajaajila lammummaa gannaatiin hojiin Birrii miiliyoona 13tti tilmaamamu hojjetamuu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti tajaajila lammummaa gannaa bara 2013tiin hojiin Birrii miiliyoona 13tti tilmaamamu hojjetamuu Biiroon Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaa ibse.
Sagantaan cufiinsa hojii tola ooltummaa gannaa bara 2013 fi baniinsaa hojii tola ooltummaa bonaa bara 2014 gaggeeffameera.
Naannichatti tajaajila tola ooltummaan hojiilee jajjabeessaan hojjetamuu hoggantuun biirochaa aadde Daliilaa Yusuuf ibsaniiru.
Hojii kanarratti dargaggoonni dammaqinaan hirmaachuu ibsuun, dargaggoonni beekumsaa fi dandeettii isaaniitti fayyadamuun lammiif kan qaqqabu lammiidha kan jedhu gochaan agarsiisuu ibsaniiru.
Hojii tola ooltummaa bonaatiin hojii fooyya’aa hojjechuuf hunduu socho’uu akka qabu kaasaniiru.
Tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachuun faayidaa hawaasaaf kennu dabalataan dargaggoonni hojicharratti bobba’an muuxannoo fi dandeetti akka gabbifataniif kan gargaaru ta’uu hoggantuun Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii naannichaa aadde Amiinaa Abdulkariim ibsaniiru.
Dhumarratti qaamolee tajaajila tola ooltummaa bara 2013n ga’ee olaanaa ba’ataniif beekkamttiin kennamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.