Naannichatti shakkamtoonni garee shorokeessaa ABUT fi Shanee waliin hidhata qabaachuun shakkaman 300 ol to’ataman
Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti shakkamtoonni garee shorokeessaa ABUT fi Shanee waliin hidhata qabaachuun shakkamanii fi qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaarra darban 300 ol to’atamuu Abbaan Alangaa Waliigalaa naannoo Hararii beeksise.
Shakamtoota kanneen harkatti meeshaaleen waraanaa, meeshaaleen socho’anii fi hin sochoone garaagaraa argamuu Abbaa Alangaa Ayyuub Ahimad ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan labsii yeroo ariifachiisaa galma akka ga’uuf hawaasni qaamolee nageenyaa cina dhaabbachuun deeggarsa taasisaa jiru akka cimsee itti fufu waamicha taasisuu ragaan Biiroo Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.