Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti qacarriin hojjettootaa seeraan alaa kumni 4 ol haqamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Naannoo Uummattoota Kibbaatti qacarriin hojjettootaa seeraan alaa kumni 4 fi 155 haqamuu Biiroon Siivil Sarvisii fi Misooma Humna Namaa naannichaa beeksiseera.

Xumura bara baajataa 2014tti faayilli hojjettoota mootummaa kuma 25 fi 990 qoratamee faayilli qacarrii, jijjiirraa, ramaddii fi sirreeffama miindaa namoota kuma 4 fi 155 haqamuu hogganaan biirichaa obbo Zayinee Biilkaa eeraniiru.

Bara baajatichaatti rakkoo hojiimaataan maallaqni qisaasa’uuf ture Birrii miiliyoonni 82 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 87 fi 682 baraaruun danda’amuus kaasaniiru.

Kenniinsi tajaajilaa fi hojiileen bulchiinsa gaarii akka fooyya’aniif hordoffii fi to’annoo cimaan taasifamuu ibsuu isaanii DhRTK gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.