Naannichatti Piroojektoonni kumni 16 ol xumuramuun eebbaaf qophaa’uu himame
Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin haala raawwii hojii piroojektoota garaa garaa naannichatti hojjetamaa jiraniifi eebbaaf qophaa’aa jiranii gamaggamaniiru.
Naannoo Oromiyaatti pirojeektoota adda addaa haaraafi buleeyyii kuma 31 tti siqan hojjetamaa jiran keessaa hanga ammaatti piroojektoonni kumni16 fi 492 Birrii biiliyoona 16.6’n hojjetamuun xumuramanii eebbaaf qophaa’uun himameera.
Piroojektoonni xumuraman kunneen marsaa lamaan Baatii Waxabajjiifi Adoolessaa keessa ni eebbifamu jedhameera.
Hawaasa miiliyoona 35 fi kuma 627 fi 610 fayyadamaa kan taasisus ta’uu eerameera.
Dhaabbilee ijaarsaa mootummaafi dhuunfaa kallattii mootummaan kaa’ameen hojiirra oolchuu dhabuun harkifannaa pirojektootaaf sababa ta’an irratti tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu akka qabus Obbo Awwaluun kallattii kaa’uu ragaan BKO irrraa argame ni mul’isa.