Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti oomishni Bunaa kuntaalli miiliyoonni 11 ol walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara 2016 oomishni Bunaa kuntaalli miiliyoonni 11 fi kumni 820 ol walitti qabamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera.

Oomisha Bunaa kuntaala miiliyoona 12tti walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 11fi kuma 820 ol walitti qabamuu Itti Aanaan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin himaniiru.

Oomisha Walitti qabame keessaa kuntaalli miiliyoonni 7 gabaa giddu galeessaaf kan dhiyaatu ta’uu eeruu OBN gabaaseeara.

Godinaalee Naannoo Oromiyaa 18 keessaatti Bunni kan oomishamu yoo ta’u, Qonnaan bultoonni miiliyoonni 2fi kumni 230 hojii misooma Bunaarratti kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.