Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii idilee 1ffaa paartii Badhaadhinaarratti mariin uummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Naannoo Afaar magaalaa Samaraatti murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii idilee 1ffaa paartii Badhaadhinaan darban irratti mariin uummataa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Waltajjii marichaarratti preezdaantii naannichaa fi miseensa koree hojii raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa obbo Awwal Arbaa dabalatee Ministirri Ministeera Maallaqaa fi miseensi Koree Hojii raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa obbo Ahimad Shidee, Ittaanaan Preezdaantii naannoo Uummattoota kibbaa obbo Tasfaayee Yiggazuu, hoggantoonni olaanoon naannichaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Waltajjichaan kallattiiwwani fi murtoowwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’aman irratti hubannoon waloo ni uumamaan kan eegamu ta’uu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.