Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti lammiileefi dhaabbilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 253 taasifame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Naannoo Amaaraatti kutaalee hawaasaafi dhaabbilee waraanaan miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 53 taasifame.

Deeggarsichi dhaabbilee misoomaa biyya keessaa garaagaraan kan taasifame yoo ta’u, kutaalee hawaasaa miiliyoona 1.4 fi dhaabbilee addaa addaa waraanaan miidhamaniif kan oolu ta’uu eerameera.

Naannichatti sababa waraanaan miidhaan Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 88tti shallagamu qaqqabuu qorannoon mirkanaa’uu ibsameera.

Kana malees, naannichatti lammiilee sababa waraanaan qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an miiliyoona 1.4 dabalatee lammiilee miiliyoonni 8.7 deeggarsa kan barbaadan ta’uu ibsameera.

Minyichil Azzazawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.