Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti kurmaana jalqabaa bara kanaan damee albuudaarraa galiin Birrii biiliyoonni 2 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti kurmaana jalqabaa bara 2014 damee albuudaarraa galiin Birrii biiliyoonni 2 ol walitti qabamuu ibsameera.

Oomishaa fi oomishtummaa damee albuudaa naannichaa guddisuuf  qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu daayreektarri olaanaan Ejensii Misooma Albuudaa naannichaa obbo Asir Ibraahiim ibsaniiru.

Ejensichi bara baajataa darbe Warqee kiiloogiraama kuma 2 fi dhibba 2 Baankii Biyyaalessaatti galchuu yaadachiisuun, kurmaana jalqabaa bara 2014 warqee Kiilogiraama 831 Baankii Biyyaalessaatti galchuu ibsaniiru.

Kanaanis sharafa alaa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 70 argamsiisuun danda’amuu ibsaniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa albuuda warqee guddisuuf hojii hojjetameen eeyyama daldalaa qaamolee karaa seeraan alaa oomisha albuudichaarratti bobba’anii 13 haqamuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.