Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti galii Kitaaba “Dhaloota Ida’amuu”rraa argameen ijaarsi Godambaa eegale

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Galii gurgurtaa Kitaabaa “Dhaloota Ida’amuu”rraa argameen kan ijaaramu Godambaan Naannoo Beenishaangul Gumuz ijaaramuu eegaluu Mootummaan naannichaa beeksise.

Ijaarsi Godambaa kunis baatiiwwan 18 keessatti akka xumuramuuf karoorfamuu Itti Gaafatamaan Damee Qunnamtii Ummataa fi Pirotokolii Pireezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Admaasuu Takleen dubbataniiru.

Magaalaa Asoosaa keessatti Godambaan ijaaramuu kunis baasii Birrii miiliyoona 247 fi kuma 274 fi 688’n kan ijaaramu ta’uu Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.