Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti gaaffilee bu’uuraalee misoomaa daandiirratti ka’an deebisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Naannoo Sidaamaatti gaaffilee bu’uuraalee misoomaa daandiirratti ka’an deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa obbo Dastaa Leeddaamoon ibsan.

Obbo Dastaan hojiilee bu’uuraalee misoomaa daandii aanaalee Huulaafi Boonaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Mootummaan naannichaa gaaffilee uummataa bu’uuraalee misoomaa daandiirratti ka’an deebisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Obbo Dastaan sadarkaa ijaarsa daandiwwan eegalamanii gamaaggamuu kan ibsame yoo ta’u daandiiwan kunneen ariitiin xumuramuun tajaajilaaf akka qaqqaban qajeelfama kennuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.