Naannichatti Carraan hojii lammiilee 2.3’f uumameera
Finfinnee, Adoolesaa 3, 2015(FBC)-Naannoo Oromiyaatti Carraa hojii lammiilee miiliyoona 2.3’f uumuun akka danda;amee Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.
Caffeen yaa’ii idilee 5ffaa Adaamatti gageessaa jira.
Yaa’icharratti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii bara 2015 dhiyeessaniin, jireenya lammiilee fooyyeessuu fi dargaggoonni fayyadamtoota akka ta’aniif carraa hojii lammiile miiliyoona 2.2 uumuuf karoorfameen lammiilee miiliyoona 2.3’f uumuun akka danda’ame ibsaniiru.
Rakkolee bakka hojii fi gurgurtaa dargaggootaa furuuf lafa hektaara kuma 67 fi sheediiwwan kuma 1 fi 146 mijeessuun akka danda’ame eeraniiru.
Kana malees hanqina kaappitaalaa furuuf liqii Birrii biiliyoona 4.6 mijeessuun akka danda’ame kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.