Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti callaa kuntaala miiliyoona 29 ol walitti qabuuf hojjetamaa jira – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti bara oomishaa kana callaa kuntaala miiliyoona 29 ol walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsan.

Naannichatti bara Oomishaa 2015/16 lafa hektaara kuma 937 fi 722 sanyiin uwwisuun callaa kuntaala miiliyoona 29 ol walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Obbo Ashaadilii Hasan damee qonnaaf xiyyeeffannoo addaa laachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee maddi diinagdee taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu gabaasa mana maree naannichaaf dhiyeessaniin dubbataniiru.

Hanga ammaatti lafti hektaarri kumnin675 fi 723 qotamuun hektaarri kumni 576 fi 270 sanyiin uwwifamuu kaasaniiru.

Qonna gannaa kanaan lafti hektaarri kumni 50 qamadii kan faca’u ta’uus himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.