Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti boba’aan baarmeelli 26 kara seeraan alaa naanneffamaa ture to’atamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti boba’aa fi Beenziilli baarmeelli 26 kara seeraan alaa naanneffamaa ture to’atamuu ibsame.

Hordiffii taasifameen namni dhuunfaan buufata boba’aa Taaf jedhamurraa boba’aa fi beenzila baarmeela 26 waraabee kara seeraan alaa gara Akoobootti osoo dabarsaa jiruu to’atamuu Ittaanaan hogganaa Biiroo Daldalaa naannichaa  obbo Okeelloo Uuboong ibsaniiru.

Namichi baba’aa kana dabarsaa ture eeyyama daldalaa kan hin qabnee fi mootummaaf gibira kan hin kaffalle ta’uu himaniiru.

Akkaataa seeraa fi dambii biyyattiin tarkaanfii barbaachisaan kan irratti fudhatamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Prees Seekretariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.