Naannichatti biqiltuun ganna dhufu dhaabamu miiliyoonni 55 ol qophaa’aa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti biqiltuun ganna dhufu dhaabamu miiliyoonni 55 ol qophaa’aa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise.
Biqiltuuwwan kunneen buufataalee horsiisa biqiltuu 83 keessatti qophaa’aa jiraachuu biirichatti Daayrektarri Misoomaafi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Obbo Fiqaaduu Dassaalanyi ibsaniiru.
Biqiltuuwwan kunneen sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaafi sagantaa idileen kan dhaabaman ta’uu eeraniiru.
Biqiltuuwwan miiliyoonni 17 dhaabbiif qophaa’uu kan kaasan obbo Fiqaaduun, warreen hafaniif kunuunsi taasifamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Biqiltuuwwan diinagdeefi qorichummaaf oolan akkasumas sanyiin isaanii badaa jiru keessatti hammatamuu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.