Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti balaa lolaa mudateen jiraattoonni kumni 16 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) – Naannoo Gaambeellaa aanaalee 4 keessatti balaa lolaa mudateen jiraattoonni kumni 16 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Hoggansi Sodaa Balaa naannichaa beeksise.

Gandoota Aanaalee Goog, Laaree,Joorii fi Waantuwaa keessatti argamanitti balaan lolaa mudachuu Hoggantaan Tajaajila Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Gambeellaa Obbo Gaatbeel Muun ibsaniiru.

Kanaanis jiraattoonni kumni 16 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.