Naannichatti baatiwwan salgan darban namoota miiliyoona 41 ta’aniif tajaajilli deddeebi’anii yaaluu kenname -BFO
Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan salgan darban namoota miiliyoona 41 ta’aniif tajaajilli deddeebi’anii yaaluu kennamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Dhibamaa fi du’aatii xiqqeessuuf hawaasa naannichaa miiliyoona 41 ta’aniif tajaajila deddeebi’anii yaaluu kennuu fi miseensota inshuraansii fayyaa miiliyoona 26 ta’an fayyamottoota tajaajila fayyaa taasisuun danda’amuu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsaniiru.
Fuula durattis tajaajila fayyaa si’ataa fi qaqqabamaa ta’e kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dooktar Mangistuun sirna fayyaa cimaa ta’e fi tajaajila fayyaa ceessisuu danda’u ijaaruufis qindoomina jiru daran cimsuun murteessaa ta’uu eeraniiru isaanii ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.