Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti baatiwwan 9 darban balaawwan tiraafikaa mudatan keessaa % 78 sababa ariitii seeraan alaan ta’uu ibsame

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti balaa Tiraafikaa mudataa jiru to’achuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Ejansiin Geejjibaa naannichaa ibseera.
Naannichatti Balaawwan tiraafikaa baatiwwan 9 darban mudatan keessaa % 78 sababa ariitii seeraan alaan kan mudatan ta’uu eerameera.
Ariitii seeraan alaa to’achuuf Raadaariin to’annoo cimaa gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
Kanaafis iddooleen to’annoon addaa itti taasiifamu kumni 1 fi 12 adda ba’uu Ejansichatti Daayrektarri Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Alamuu Lammaan dubbataniiru.
Naannichatti baatiwwan salgan darban qofa balaan tiraafikaa lubbuu namoota 800 ol galaafachuu ibsaniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.