Naannichatti baatiiwwan 6 darbanitti galiin Birrii miiliyoonni 580 walitti qabuu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti baatiiwwan 6 darbanitti galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 80 walitti qabuu ibsame.
Abbaan Taayitaa Galiiwwanii naannichaa gabaasa raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii koree dhaabbii mana mare naannichaaf dhiyeesseera.
Baatiiwan 6 darbanitti galii Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 93 fi kuma dhibba 3 walitti qabuuf karoorfatamee galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 80 walitti qabamuu fi kan bara darbeerra caalmaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 11 fi kuma dhibba 6 kan qabu ta’uu ibsameera.
Naannichatti bara baajataa 2014tti galii waliigalaa Birrii biiliyoona 1.64 walitti qabuuf karoorfatamuu ragaan Miidiyaalee naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.