Naannichatti Ayyaanni Iid Alfaxir nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaan taasifamuu ibsame
Finfinnee, Eebila 23, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Ayyaanni Iid Alfaxir nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaan taasifamuu Komishiniin Poolisii naannichaa ibseera.
Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Nasrii Zakaariyaan ibsa laataniin, hawaasni musiliimaa Ayyaana Iid Alfaxir 1443ffaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajuuf poolisiin naannichaa humnoota nageenyaa garaagaraa waliin humna waloo hundeessuun gara hojiitti galuu ibsaniiru.
Bakkeewwan hordoftoonni amantichaa salaatanitti muddamni tiraafikaa akka hin uumamneef daandiiwwan gurguddoon kan cufaman ta’uu fi daandiiwwan filannoo konkolaattotaaf banaa kan ta’an ta’uu eeraniiru.
Ta’us qaamoleen tokko tokko naannichatti amantaa dawoo godhachuun walitti bu’iinsa uumuuf kan socho’an jiraachuu eeruun, gochi akka kanaa yoo mudate hawaasni poolisiif eeruu akka laatu gaafataniiru.
Bifuma walfakkaatuun naannoo Amaaraattis ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf qophii ga’aan taasifamuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa naannichaa ibseera.
Humnoonni nageenyaa sadarkaan jiran ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf qophii ga’aa taasisuu hogganaan biirichaa obbo Dassaalany Xaasaw eeraniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.