Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti abbootii qabeenyaa misoomatti hingalleerratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti abbootii qabeenyaa eeyyama invastimantii argatanii gara misoomaatti hingalleerratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Indaastirii naannichaa beeksise.
Hogganaan Biirichaa Obbo Usmaa’eel Yusuuf, eeyyamni invastimantii abbootii qabeenyaaf kenname, misooma naannichaa saffisisuufi gahee isaa akka bahataniif ta’uu kaasaniiru.
Haaluma kanaan akkaataa qajeelfama invastimantii naannichaan abbootii qabeenyaa eeyyama invastimantiin lafa fudhatanii hinmisoomsine fi duubatti harkifatan 112’rratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Tarkaanfii fudhatameen eeyyamni abbootiin qabeenyaa 8 haqamuu eeruun, kanneen hafanirrattis dhorkii eeyyamaa fi akeekkachiisni garaagaraa kennuu himuu TOI gabaaseera.
Naannichatti bara baajata 2016’tti Abbootii qabeenyaa 82 Kaappitaala Birrii biiliyoona 5 galmeesisaniif eeyyamni invastimantii kennamuun ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.