Fana: At a Speed of Life!

Naannawichi humna guutuun hojii eegaluuf ga’umsa qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC) – Naannawaan daldala Bilisaa Dirre Dhawaa humna guutuun hojii eegaluuf ga’umsa gaariirra jiraachuu ibsameera.

Naannawichi Loojistiksii fi Maanuufaakcheriingii dabalataan damee Invastimantii keessummeessuuf humna qabaachuu himameera.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan sochii oomisha damee Maanuufaakcheeriingii naannawichaa daawwataniiru.

Naannawichi humna guutuun gara hojiitti akka galuu fi bu’aa qabeessa akka ta’uuf hojiileen Korporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastiriin hojjetaman jajjabeessaa ta’uu kaasaniirui.

Naannawichi humna guutuun hojii akka eegalu, gama loojistiksii, galii fi daldala alaan qophiin taasiifamu cimee akka itti fufu gaafatameera.

Naannawaan Daldala Bilisaa Dirre Dhawaa yeroo ammaa Damee Maanuufaakcheeriingiin Abbootii qabeenyaa simachaa jiraachuu ragaan Korporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.