Fana: At a Speed of Life!

Naannawaan Hora Finfinnee (Doloolloo Buddeenaa) qulqulleeffame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Hojjettoonni Baankii Gadaa fi Manaajimeentiin baankichaa, Finfinnee Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qiirqoos waliin ta’uun duula qulqullinaa naannawaa Irreecha Hora Finfinnee gaggeessaniiru.

Duula qulqulleessuu kananarratti Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, abbootii amantaalee argamaniiru.

Irreechi faajjii tokkummaa fi obbolummaa ta’uu kan dubbatan Obbo Xiraatuu Bayyanaan ayyaana kana haala gaariin akka kabajamuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanichi galii magaalaa akka dabalus himanii, keessummoota gara Magaalaa Finfinneetti dhufan simachaa jiraachuu dubbataniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.