Fana: At a Speed of Life!

Naannawaan Daldala Walabaa Dirree Dawaa si’ataan kan keessatti ijaaramudha jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Naannawaan Daldala Walabaa Dirree Dawaa dameelee hundaan sirni si’ataan kan keessatti ijaaramuudha jedhan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Naannawaa Daldala Walabaa Dirree Dawaa eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.

Badhaadhina Ityoophiyaa bu’uuressaa adeemuu fi dammaqsuu barbaachisaa jedhanii, hojmaata haaraa eegaluunis murteessaa ta’uu himaniiru.

Naannawaan daldala walabaa babal’achaa dhufuun walitti hidhamiinsa daldalaa idil addunyaan Ityoophiyaa dorgomtuu kan taasisuudha jedhaniiru.

Naannawaan daldala walabaa kun Buufata Doonii Jibuutiitti dhiyeenyatti kan argamu waan ta’eef, oomishaaleen galii kallattiin biyya keessa akka galfaman taasisuun baasii buufatichaaf ba’u kan hir’isuudha jedhameera.

Loojistiksii saffisiisuun oomishaalee hawaasaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabaatu eerameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.