Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa walitti bu’iinsi turetti Boba’aa akka imalchiisaniif dhaabbilee 14f eeyyamni laatame

Finfinnee, Mudde 20, 2015 (FBC) – Naannawaa walitti bu’iinsi turetti Boba’aa Jibuutiirraa akka imalchiisaniif dhaabbilee 14f eeyyamni laatamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksiise.

Dhaabbileen 14 kana dura Boba’aa raabsaa turan kallattiin Jibuutiirraa Boba’aa naannawaa walitti bu’iinsi turetti akka imalchiisaniif eeyyamni laatamuu Abbaa Taayitichaatti Daayreektarri Dhiyeessa Boba’aa, Loojastiksii fi hordoffii Obbo Fiqaaduu Shumat Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Kunis iddoolee walitti bu’iinsi turetti hanqina dhiyeessii boba’aa muudate saffisaan akka furamuuf murtoo mootummaan dabarse ta’uu ibsnaiiru.

Dhaabbilee Boba’aa Raabsan 43 jiran keessaa 14 Jibuutiirraa Boba’aa naannawaa kanneeniitti akka imalchiisan eeyyamamuu dubbataniiru.

Dhaabbileen akka NOC, Ooyil Liiviiyaa, Tootaal, Taaf, Naayil, Daalool, Gomajjuu, Habashaa, Alafaay, Deeltaa, Baaroo, Kumbii, Iskaay fi Yetabaabbaruut kanneen eeyyama argatan ta’uu Daayreektarri Kominikeeshinii fi Hariiroo Ummataa Abbaa taayitichaa Baqqalachi Kumaan ibsaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.