Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa sodaa balaa qabanii lammiileen buqqa’an kuma 6 ol deeggarsi akka barbaachisu akeekame

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan kanneen buqqa’anitti dabalataan naannawaa soda balaa qabanii kan buqqa’an lammiilee kuma 6 ol deeggarsi akka barbaachisu Komishiniin Hoggansa Soda Balaa Itiyoophiyaa hubachiise.

Komishinarri komishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaam akka ibsanitti, lammiileen balaa sigiga lafaa Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaatti mudateen deeggarsi barbaachisu adda bafamaniiru.

Balichaan lammiilee buqqa’an 200 oliif deeggarsi hatattamaa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Kana malees naannawaa soda balaa kan jiranii fi lammiileen deeggarsa barbaadaan kumni 6 ol akka jiran dubbataniiru.

Komishinichi lammiilee naannawaa soda balaa jirurraa buqqa’aan nannawaa mijataa qubsiisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Ogeeyyiin naannoo fi federaalaarraa baba’an naannawichatti qorannoo taasisuu eeranii, Ministira Muummeerraa eegalee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu himan.

Balichaan kanneen buqqa’anii fi miidhaanirra ga’eef deeggarsa taasisuutti dabalataan deeggarsi xiinsammuu akka barbaachisuun akeekaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.