Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa hongeen mudatteetti midhaan kuntaalli miiliyoona 2.1dhiyaateera-Buusaa Gonofaa

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)-Naannawaa hongeen mudatteetti midhaan kuntaallaa miiliyoona 2.1 hanga torbaan darbeettii dhiyaachuu Buusaa Gonofaa Oromiyaa ibse.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadiir haala hongee Naannoo Oromiyatti mudate irratti hojiilee hanga ammatti hojjetaman ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin akka jedhanitti Naannoo Oromiyaatti lammiilee Godinaalee 10 hongeen miidhamaniitti deeggarsi tasifamaa jira.

Haalli hongee mul’achaa jiru babal’aachaa dhufuu fi godinaale 8tti lammiileen deeggarsa barbaadan miiliyoona 3.2 kan ture yeroo ammaa godinaalee 10’tti lammilee miiliyoonni 3.6tti akka barbaachisu ibsaniiru.

Lammiilee kanneen mootummaan qaamolee tumsitootaa biroo waliin ta’uun, midhaan kuntaalaa miiliyoona 2.1 Birrii biiliyoona 8.4tti tilmaamu hanga torbaan darbeettii dhiyaachuu dubbataniiru.

Dabalataanis maallaqni callaan Birri biiliyoona 1.3 deeggarsaa taasifamuun ibsameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.