Naannawaa fi Finca’aa Ikkoo Turizimii Leephisiif xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Bara Faranjootaa 2023 beekamtii idil addunyaa kan argate Naannawaa fi Finca’aa Ikkoo Turizimii Leephisiif xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu ibsameera.
Koreen Dhaabbii Dhimmoota Turizimii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa naannawaa fi Fincaa’aa Ikkoo Turizimii Leephiis daawwateera.
Korichi sosochii Turizimii Godina Arsii Lixaa, naannawaa fi Fincaa’aa Ikkoo Turizimi Leephis, hara Laangaanoo fi Shaalaa daawwachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Qabeenya uumamaa Hambaa idil addunyaa ta’ee kanaaf mootummaan xiyyeeffannoo kennuu akka qabu korichi yaadachiiseera.
Mandarri Ikkoo Turizimii Leephis Magaalaa Nagallee Arsiirraa karaa bahaan Kiiloo Meetira 18 fagaatee argama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.