Naannawaa Dhagaa Umamaa Xiyyaatti Birrii biiliyoona 3.5’n misoomsuuf karoorfamuun ibsame
Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Naannawaa Hambaa Idil Addunyaa Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa Birrii biiliyoona 3.5’n misoomsuuf qophiin barbaachisaan xumuramaa jiraachuu Biiroon Tuuriizimii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa beeksise.
Hogganaan Biirichaa Saamu’eel Mangashaan Faanaa Dijitaaliif ibsa kennaniin, qabeenyaaleen hawwata tuuriizimii naannichaa faayidaa akka argamsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Haaluma kanaan Naannawaa Hawwata tuuriizimii Idil Addunyaa Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa misoomsuuf karoorfamuu himanii, dizaayinii isaa xumuramee gara hojiitti galamuu himaniiru.
Hojichas waggoota sadii keessatti xumuruuf, walta’iinsa ummataan, abbootii qabeenyaa, mootummaa fi qaamolee tumsitootaan Birrii biiliyoona 3.5’n oliin misoomsuuf karoorfamuu himaniiru.
Yohaannis Darribootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia