Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa daldala walabaa Dirree Dhawaa bu’aa qabeessa taasisuuf waloon hojjechuuf waliigalame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Koorporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii Bulchiinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun naannawicha bu’aa qabeessaa taasisuuf waliigalan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Akiliilu Taaddasaa, Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis naannawaa daldala walabaa Dirree Dhawaa bu’a qabeessa taasisuurratti kan xiyyeeffatee ta’uun ibsameera.

Naannawaan daldala walabaa kaayyoo hundeeffameef milkeessuuf bu’uuraalee misoomaa ijaaraman, gama tajaajiloota, seeraa fi hojmaataan hojiilee jiranirratti mari’ataniiru.

Fuuldurattis koorporeeshinichi bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun naannawichaa bu’aa qabeessa taasisuuf hojiilee jiran waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.